Guyyaa gootota Oromoo jechuun waluma galattii eerga Oromiyaan waanjoo kolonii jalattii kufte hanga har’an tanaatti kanneen bilisummaa biyya isaaniif jechaa wareegama lubbuu kafalan kan itti yaadanuu dha. See more of Seenaa gootota Oromo on Facebook. H/Sillaaseenis akkuma gootota Oromoo biroo aangoo isaaf waan shakkeef Balay akka qabamu taasise. Seenaa dhugaa. Jechoota Gootota Hayyoota Oromoo • “Gabrummaa hiddaan buqqifnaa dadhanu ilmaan itti guddifna.”J/Waaqoo Guutuu • “Nuti Oromodha, kan lolluufis Ummataafi biyya Oromiyaatifi males, is in jalatti gabroomnee biyya isiniif kennuuf miti” Mayraa(Muhammad Zaakir) 3.”Dhiigni kiyya mirga ummata Oromootiif Kan dhangala’u waan ta’eef, dhhiiga gatii malee jigee miti.”Maammoo Muzammir. 4.”Nama diina jala deemu irra loon afaan hin beekne, diimaa akka farda kiyyaa wayya” Abdaa Huseen sheekuu 5.”Wanti ummata keenyaaf nuti hojjanne akka bofa walakkaan qaama isaa garaa namaa lixee, yoo harkisan ni cita, yoo gadi dhiisan ni lixa, lixullee summii harcaasuu hin oolu” Haylamaariyam Gammadaa. • “Jeedala ta’ee waggaa(100) jiraachuu mannaa Leenca ta’ee Aadee(Baroodee) guyyaa tokko jiraadhee du’uu naaf wayya” J/Huseen Bunee Daraaraa. 7″ Meeshaan waraanaa keessan Kutannoo Onnee tiyyaa hin caalu” J/Waaqoo Guutuu. 8.”Hadaamii Qottoo osoo hin taane damee isheettu jiksa; Nutillee diinota Kenya barbadeessuuf of duratti tarkaanfachuu males of duubatti deebi’uu hin qabnu”B/J/Taaddasaa Birruu” 9.”Humni guddaan diina ittiin ofirraa qolannu Qawwee osoo hin taane tokkummaadha.” KO.H/Aadam Jiloo 10.”Akkanumaan dhamaatu malee Ana rasaasni keessan nan ajjeesu” Agarii Tulluu 11.”Tan afaanii nu baate garaatti deeffanne” jedhe H/Aadam saaddoo waraqaa iccitii siyaasa Oromoo qabdu liqimsee. 12 ” Gabrummaa irra duuti bilisummaadha” Elemoo Qilxuu. Hindi mp3 songs free download. 13.Finfinneen Handhuura Oromiyaati, Addis ababaan Godaannis gabrummaati” Jaafar Alii • “Fakkaatanii buluu mannaa fagaatanii buluu wayya” SheekBakrii Saaphalloo. 15 “Lubbuutu bad a males maqaafi seenaan hin badu” J/Taaddasaa Birruu. • A.”Bilisa ta’ee dhaladhe, bilisa ta’ee jiraachuu dadhabus bilisummaa kiyyaaf qabsaawuu irraa humni tokkos man dhoowwu” B. “Lubbuu ilma namaa ajjeesuufi qabeenyas saamuun ni danda’ama, garuu kaayyoo, beekumsaafi sammuu namaa ajjeesuufi hatuunis hin danda’amu” C “Namni yoo waa fudhate gammada, ani garuu yoo waa kenne gammada” Gooticha ABBAA Qabeenya Oromoo Dinquu Dayyaas. • “Beekaa irra kunne malee, seenaan hiyyeessan qabu”Artist Dr.kab/Alii Birraa. Kan ofiin of tolche Kan ofiin of bulche Kan ofiin of oolche Kan of babbareeche Afaanii fi aadaa – latiinsa sabboonaa Eenyummaa sabboonsaa Dhiigasaatiin tursee Kan nu boonse -boonsaa! Inni Orom-duroo Kan dursee heera baase Kan Kallachaaf Bokkuu Harka lamaan kaase Aadaaf seenaasaatiif (Sagal kufee ka’ee) Dafqa dhangalaasee Odaan akka hin gogneef (Seenaa akka tursuuf) Dhiigasaa obaase! Kan kaleessa gadde kan nu boonse har’a Kan kalee gaaddisaa har’a abbaa Galmaa Oromoo ta’uusaa Eenyutu nuun morma? Gootota Oromoo kan akka Agarii Leenca ilma Birruu – Kan akka Taaddasaa Qorichi Faranjii, Qeerransi ilma Aagaa – Kan akka Abdiisaa Gootni warra Baalee Jeneraal Waaqoo – Warqiin ilma Guutuu Leenci leenca caalu Baalchaa Abbaa Nabsoo – kan godaa baroodu Kan akka Abbabaa, kan akka Jaagamaa, kan akka Garasuu Garasuu Dhukii – Garasuu Abbaa Booraa Dhirsa Faranjii Roomaa Boora dalga kaachisee Baandaa allaattii nyaachise Qeerroo Nageessoo fi Alamuu Qixxeessaa Warra seenaan boonsaa Gootota Oromoo kam waamee kam dhiisu? Kam fuudhee kam gatu? Hunduu seenaa qabu Hunduu na komatu. Haadha uummata guddaa Biyya koo Oromiyaa Deessee saba arjaa Wiirtuu Itoophiyaa Marsanii hooksanii Jejanii faarsanii ‘Si malee’ jedhanii itti godaananii Saamanii saamsisu, yeroo itti galani. Sirna Guddifachaa yoom jifuu guutani? Yoom eebbise Abbaan Gadaa? Yoom damma muuxachiise? Yoom baksaa cuubachiise? Yoom aannan unachiise? Yoom aadaa kakuu galche? Yoom dhiigaaf foon taasise? Dureettummaa laalanii Daboo itti wal kadhatanii Keessa oolanii bulanii Humnaan kaadhimmatanii ‘Surgery’ itti taa’ani Keessa sakatta’ani! Shira diinni raawwate Roorroo Oromoon baate Ana xiqqashuu miti, Harmee Oromiyaatu Horteesheetiif dubbate! ![]() Mar’immaan na cicciru Kalee na keessaa baasu Tiruu kiyya tuttuqu Kaanserii natti riqu Somba kiyya harkisu Qilleensa ittiin hargansu Hadhooftuu kiyya dhoosu Warqii na keessaa baasu! Na saamanii hin quufani Gotaraaf gumbii guutu Hambaatti na kuufatu ‘Swiss Bank’ kaawwatu Arraba na dachaasu Dabasaa natti hadhabsu Onnee na babbaqaqsu Sodaa na keessa rabsu Ija na tuttumatu Laalcha na laaffifatu Sammuu kiyya jallisu Aarsaa Taaddee balleessu Beekaa koo mankaraarsu Shororkeessaa taasisu Caasaa koo burjaajessu Taayitaa sobaa baachisu Caasaa onneen hatame Kan matta’aan faalame Diinatti irreeffata Lammii ofiitti goota Ni ajjeesa ni hidha Ni gama ni kakata Eenyummaasaa gurgura Diinaaf ni jilbeeffata Nyaapha waliin of hata Wal gurgura – wal nyaata Dhaloota! Hangafummaan keenya Diinaan haguugamee Wal dhaga’uu dinnee (Kontiroobaandistiif) Karra keenya saaqnee Damma nuti nyaannu Daawwaa isaa godhannee Mirga abbummaa qabnu Dabarsinee laannee Mana ofiif keessummaa Lammii ormaa taanee Jilbi keenya laafee Mataan lafa ilaallee Obsinee jiraannus Birmadummaan hafee Sabummaa qooddannee Buqqa’uutu dhufe. Garuu gootni Oromoo Kalee dhiigasaa coccobsee Ofii aarsaa ta’ee Dungoo nuu qabsiise Duudhaa sirna gadaa Muudee nuu aangomse Har’a maaltu dhufee Dararamnee buluuf Onnee nu laaffisee? Hacuuccaa fi roorroo Shira nu ukkaamse Lagaan nu qoqqoodee Eenyummaa balleesse Qabsoofnee mo’achuuf Seenaa bade galchuuf Qeerransi Qeerroo Oromoo Jeettiin qilleensa raasu Misaa’elli Itoophiyaa Kan addunyaa warraaqsu Abidda ciraa kaasee Obomboleettii bubbise Yandoo hin caamne roobsee Qabsoo haqaa finiinse. Barataatu fincile Bilisummaa isaatiif Ofirratti murteesse Qalamaan qabsoo lixee Iyyee iyya dabarsee Alaaf keessaa warraaqse Qonnaan bulaatu bookkise Qabsoo diddaa garbumaa Waaqoo Guutuu haaromse Artistiitu weellisee Dhiiga diinaa hadheesse.
0 Comments
Leave a Reply. |
AuthorWrite something about yourself. No need to be fancy, just an overview. ArchivesCategories |